• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


MANNI SHAAYII DUBBII NATTI DHALE!

1 Comment
 23 Jan 2017   Kan maxxanse Odaa Gurree

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


ShaayiiMANNI SHAAYII DUBBII NATTI DHALE!
~Odaa Gurree

Seenaan koo akkana yaa lammiiwwan koo. Ani maqaan koo Baatiree Gannaalaan jedhama. Aanaa Baakkoo Tibbee, Magaala Laga Dhoqqee(Tibbeen) dhaladhe.

Hamman dhaladhee mooyyee tarkaanfadhutti jiruu fi jireenyuma maatiin itti na jiraachisan keessan jiraadhe. Isaanuma faanan waan jarri qooddatan qooddadhe.

Yeroo muraasa booda mana shaayii tokko kan guyyaa gabaa banamee namoota gabaa baadiyyaarraa dhufanii waa gurguratan itti fayyadaman tokko waan qabnuuf achitti harmee koo gargaaruun eegale.

Ganama mana barumsaa koo ergan deemeen booda hamman dhufee mana shaayii gahutti hedduun ariifadha. Ani waansaa hin beeku jireenya koo waa na weeraree jira. Akka gammachuu wayii, jaalala….waan nama daddarbatu, akka dargaggummaatu na mo’atee jiran seha.

Egaa yaa firakoo haaluma kana keessa otuman jiruu yaadni koo dargaggessa baadiyyaa Gibe gamaa kara lixaatii dhufu tokko bira na jira. Inni akkan isa jaaladhe takkaallee quba hin qabu.

Inni yeroo maraa gaafa dhufu harroota midhaan itti fe’atee dhufu tarree galchee balbala keenyarra muka maangootti hidha. Animmoo akka inni natti dubbatuuf jedheen harroota asitti hin hidhiin iddoo biraa geessi yoon jedhe natti kolfee callisa malee hamaas gaariis naaf hin deebisu.

Gochaansaa kunimmoo ittuu waan keessa koo jiru akka yeroo maraa finiinu godha. Jaalalli ani isaaf qabu finiinee bahee waan namni narratti baru natti fakkaateen qaamfadhaam. Ani umuriin koo reefuu gahaa jira. Harmee kootti waan akkanaa dubbachuu hedduun sodaadha. Yoon dubbadhes har’uma manaa na ariiti. Abbaan koos akkasuma. Innimmoo kana dhageenyaan qottoo fi burruusa isa ittiin magaalaa keessaa mana ijaaraa ooluun na kukkutee caccabsee na gata.

Anoo nan rakkadhe dhukkuba yaala hin qabnen baadhee faana rakkachaan jira. Jireenya miti kanan keessa jiru kun. Namni itti himatanii furmaata namaaf laatu iddoo hin jirre kana keessatti furmaatni jiru nama nama hin beeknetti himanii kolfes fures obbaafachuun gaarii dha jedheen gara keessan fideem yaa fira koo.

Mucaan sun nama baratellee natti hin fakkaatu. Haaluma isaarraa ka’een kana jechuu danda’e. Garuu seeqni isaa, bareedinni hidhiisaa laphee koo fuudhee deemaam. Onneen koo tarsa’uu kaati gaafan ilkaan isaa argu.

Itti siqee haasofsiisuuf yaalus isaaf nama galu miti. Akkan isa jaaladhu akka baruuf jedheen yeroo hedduu akka nama irraanfateetti qarshii shaayii osoo irraa hin fuune bira darbaan ture. Inni garuu fidee gaafa natti laatu rakkoo hin qabu yoon jedhes gurrisaa duudaa dha gurbichi nan gubadhe ani.

Mee yaa firaa akkam haa godhu. Nama kana faana otoodhuma toole naan jedheemmoo maatii koon sodaadha. Booda waliin jiraanna yoon jedhes inni barnoota hin qabu animmoo barachaan jira. Gara magaalaa dhufee jireenya itti baruu dhiisuu mala. Anis baadiyyaa dhaqee jiruu baadiyyaa baruu wallaaluu nan danda’a.

Mee warri fooliin jaalalaa isin rukutee beeku ani sii jira naan jedhaa. Fuula deebiitiin na ilaalaa. Mala naaf dhahaa. Lubbuun koo jaalalaan ungulaalamaa jirtiim.

Deebii keessan Xalayaa Jaalalaa jalatti yoo yaada keessan naaf keessiitan achitti nan argadha.

Baatiree Gannaalaa!

Galatooma!


Xalayaa kun yaada keessan barbaada waan ta’ef comment jalatti yaada isiin Baatiree qabdaniif akka barreesitan abdii qabna!

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



1 Comment

abbe gari
7 years ago



gafatadhu maali dhiira duwwatu durba gafatate fudha atis gafatadhuuti itti heerumi






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...