• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Wayyoo Nan Badee!! Natti Heerumte moo Ameerikatti Heerumte?!

5 Comments
 15 Mar 2017   Kan maxxanse Odaa Gurree

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


FiloriidaaWayyoo Nan Badee!!

Namicha tokkotu ture. Kutaa USA magaalaa Filoriidaa jiraata. Tilmaamaan umuriin isaa nama guddaadha. Umuriin isaa nama guddaa haa ta’u iyyu malee, gaa’ela hin dhaabbanne. Guyyaa tokko biyya Oromiyaatti galee fudhuuf murteeffate. Erga murteeffatee booda tikkeettii isaa kutatee xiyyaara koree fuudhaaf gara biyyaatti qajeele.

Akkuma biyya ga’een shamarree umuriin ishee 20 hin caalle tokko ilaallate. Akka fuudhuuf ishee barbaadus itti himnaan; silaa nama biyya alaa irraa dhufe namni didu hin jiru waan ta’eef, isheenis tole jette. Battaluma kana cidha godhatanii wal fuudhan. Namichis baatii tokko erga ishee waliin dabarsee gara Filoriidaatti deebiye.

Magaalaa Filoriidaatti erga deebiyee booda akka isheen gara isaa dhuftuuf wanta gochuu qabu hunda gochuu eegale. Dhimma isaa kana ilaalanii mootummaan Amerikaas haadha mana isaaf ‘Visa’ erganiif. Akkuma Visan ishee dhufeen, abbaan manaas tikkeetti kuteefii akka isheen dhuftu godhe. Mucayyoonis xiyyaara ishee kortee nagaan Abbaa manaa ishee bira geesse. Waliin jireenya jalqaban.




Otuma waliin jiraatanii baati muraasa booda akkuma lafa barteen mucayyoon abbaa manaa ishee dhiistee dargaggeessa tokkotti galte. Abbaan manaa ishee kunis wanta ta’e dhaga’ee baayy’ee aaree ishee deebifachuuf yoo yaalus, hin milkoofne. “Umuriin keenya waliin hin deemu; kanaaf ani si waliin jiraachuu hin danda’u” waan jetteef wal dhiisan. Kanaa booda namichi baayy’ee waan gaddeef, erga wal hiikanii booda ammas biyya galee fuudhuu murteeffate.

Ammas tikkeettii isaa kutatee gara biyyaatti imaale. Akkuma biyya ga’een ammas shamarree umuriin ishee xiqqoo tokko argatee waliin cidha godhatan. Jiila kana duraa waan qabuuf ulfeessee deemuu murteeffate. Baatii lamaaf wallakkaa erga ishee waliin turee booda ulfaa’uu ishee mirkaneeffatee gara Filoriidaatti deebiye. Mucayyoon silayyu isatti heerumte osoo hin taane, maqaa ‘Amerikaa’ jedhutti waan heerumteef, akkuma inni luka isaa xiyyaara keessa galfateen ulfa sana of irraa baaste.

Erga inni Filoriidaatti deebiyee baatii tokkoon booda akka ulfi ishee irraa ba’e itti himte. Dhukubni busaa na qabee jennaan qoricha isaa yeroon liqimsu ulfa narraa baase jettee abbaa manaa ishee amansiisuu yaalte. Innis otuma garaan isaa gadduu “tole!” jedhee akka isheen isa bira dhuftuuf wanta gochuu qabu gochuu eegale. Dhimmi ishee kunis dafee raawwatee nagaan gara Filoriidaa dhuftee waliin jireenya eegalan. Haa ta’u malee, isheen kunis otuu hin turiin dargaggeessa bartee manaa baatee badde. Namichi yeroo kana gadda guddaan waan itti dhaga’ameef abdii kutate. Kanaa boodas akka biyya galee hin fuune ni kakate.

Kanuma gidduutti mucaan dargaggeessi tokko mana bunaatti namicha kana argee “yoom biyya galtee fuuta” jedhee gaafata. Namichis “lakki anoo kanaa booda biyya galee hin fuudhu” jedhee mucaa dargaggeessa sanaaf deebisa. Kanumaan mucaan dargaggeessi kun baayy’ee aaree “Maali dabaree koo irra geessee biyyaa fiduu dhiistaa?” Jedhe fuula aariin namichatti dubbate. Umm mucaan yoo jaarsichi sadeeffaa biyya galee fuudhe yeroo inni fidu jalaa fudhachuuf dabaree eeggachaa jira. Kana nu haa baraaru!



Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Xalayaa Jaalallee koo Oromiyaadhaaf!
April 8, 2017

Adaada Tiyyarra Jaalalli na Qabe!
April 2, 2017



5 Comments

Gammachis Alamuu
8 years ago



Jabaadha Namatti tola!

TolaaTadese
8 years ago



nama boharsa

Lalistuu Waaqumaa
8 years ago



Dhugaa waaqaati namni baayyeen nama biyya alaa gara Awurooppaa fi Ameeriikaa jiraatu kan jaallataniif onneedhaaf bultiidhaaf osoo hin taane bakka jireenyaa ittiin filachuufi . Garuu cubbuu guddaadha. Shamarran akkasii hedduutu jira warra biyya sanaaf jedhanii jaalallee isaanii illee haalu.

Qeerroo Gincii
8 years ago



It’s very funny ?

lelisa
8 years ago



baay’ee namatti tolaa jabaadha






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...