Waanan godhu wallaale! Mala naa malaa
Ganamoo Liibanin jedhama. Kan ani jiraadhu biyya Amerikaa magaalaa Chicago dha. Gidduu kana rakkoo tokkoti na mudatee jira. Rakkoo na mudate kanaaf gorsa akka naaf kennitan fedha.
Erga biyya Amerikaa dhufee waggaa 6 ga’eera. Kanin biyya Amerikaa kana dhufes haadha manaa koo waliinidha. Haadha manaa koo wajjin kan wal barre yeroo Koolleejjii barannudha. Otuu wal hin fuudhiin dura, hiriyyummaan waggaa 4 waliin turre. Amma garuu, erga wal fuunee waggaa 8 ta’eera. Wal fuunee waggaa lamaa booda, carraa DV dhaan lachuun keenya iyyu biyya Amerikaa dhufne.
Gaa’ela erga godhannee waggaa 8 haa ta’u iyyu malee, amma yoonaa dhala hin arganne. Ani fi haati manaa koo dhala godhachuu baayy’ee hawwina; baayy’ee barbaanna. Keessumaa ani mucaa godhadhee ijaan arguuf baayy’een jarjara. Haa ta’u malee, dhala argachuu hin dandeenye. Waaqayyo guyyaa tokko mucaa nuuf kenna jennee amannee abdiin eeggachaa jirra.
Mucaa godhachuu dhabuun keenya jaalala anaaf haadha manaa koo gidduu jiru hin hir’isne. Jaalalli nuyi waliif qabnu akkuma bara Koolleejjii waliin barannuu sanadha. Lachuu keenya iyyu baayy’ee wal amanna.
Baatii sadii dura obboleettiin haadha manaa koo biyya irraa dhuftee nu bira jirti. Haati manaa koo fi obboleettiin ishee wal irratti dhalatan. Garuu kan angafu haadha manaa koodha. Bifti isaanii baayy’ee wal fakkaata.
Haaluma jiruu fi jireenya biyya Amerikaa kana waan ta’eef, tokko halkan hojjeta; tokko immoo guyyaa hojjeta. Ani guyyaan hojjedha. Haati manaa koo immoo halkan hojjetti. Obboleettiin haadha manaa koo immoo hojii hin jalqabne waan ta’eef manuma jirti.
Dhiyeenya kana lafa hojii koo taa’ee waggaa 8 guutuu dhala hin argatiin turuun keenya kun maali inni ya Waaqayyo jedhee mataa of irraa ciraa, gumgumaan oole. Guyyaa kana aariin mataa na yaabe. Ani amala dhugaatii Alkoolii hin qabun ture. Guyyaa kana garuu baayy’ee waanin aareef, tarii aarii koo narraa hir’isaa jedheen hojii ba’ee mana dhugaati tti gore. Baayy’isee dhugeen gara manaatti gale.
Namni dur amala dhugaatii hin qabne gaafa baayy’ee dhugu waan baayy’ee balleessa. Anis gaafa kana halkan obboleetti haadha manaa koo waliinan ciise. Aarii tokkon of irraa balleessa jedheen aarii biraa ofitti dabale. Ganama gaafan ka’u baayy’een gadde. Obboleetti haadha manaa koo kanas dhiifaman gaafadhe. Garuu wanta raawwanne kana haadha manaa koo ni dhoksine.
Haa ta’u malee, baatii tokkoo booda lafa hojii otuun jiru, obboleettiin haadha manaa koo kun naaf bilbiltee, “har’a mana yaalaa deemeen ture, waanin sitti himun qaba yeroo galtu” naan jettee bilbila cufte. Anis naasuudhaan hojii hojjechuun dadhabe.
Hojii koo irraa ba’ee manan ga’e. Yeroo kana haati manaa koos mana jirti. Haa ta’u malee sa’aatiin hojii ishee ga’aa jira. Nyaata nyaannee buna dhugne. Haati manaa koos hojii isheetti qajeelte. Kanaan booda anis, Egaa isa sila jette natti himi jedheen obboleetti haadha manaa kootti dubbadhe. Lapheen koo garuu diq diq diq jedhee dho’uuf jedha. Akka hollachuus na godha.
Obboleettiin haadha manaa koos dhuftee soofaa irra na cinaa teessee, “har’a mana yaalaa deemee Dr koo argeen ture. Innis, ulfa ji’a tokkoo akkan ta’e natti hime” akkuma jetteen fuula ishee irra imimmaan gadi roobsuu eegalte. Anis yeroo kana harka koo lamaan fuula koo irra godhee jilba koo irratti gadi gombifameen boo’uu eegale.
Boonyee erga fixannee booda, maal goonu jennee wal gaafanne. Ani mucaa argachuu kootti natti tola, garuu haadha manaa koo waggaa 12 ol wal jaallanne wajjin wal dhabuuf deemna. Haati manaa koo fi obboleettiin ishees wal loluuf deemu. “Ulfa kana nan baasa moo maal goona” jettee natti dubbatte. Anis, ati maal yaadde? jedheen deebisee ishee gaafadhe. Isheenis waan jettu wallaalte. Mee otuu isin ta’ee maal gootu? Gorsa akkamii nuuf kennitu? Maal goonu?
Galatoomaa
Barreessaan: Latii Hundee
8 Comments
Duraan erga digoggoramee booda lubbuu balleessuun Safuu dha.
Ani akka yaada kiyyaatti Haadha Mana koo waliin waggaa 12 ol kan wajjin jiraadhe waliin hawwii ilmoo argachuu osoon qabuu ishee irraa hin argannee Garuu akka tasaa ta’ee Gochaa hin taaneen Dhugaatii guyyaa biraa hin dhugne dhugee waanan argameef dogongoreeraa yaa ta’utii hawwii ilmoo koo argadheeraa karaa dogongoraa ta’us kanaaf dhala uumame kana balleessuun lama addabbii ta’a kaaraa waaqayyoon kanaafuu akkuma ta’etti ta’ee Obbooleettii haadha mana koo kana gara biyyaatti deebisee dogongoraa jiruuf immoo Guyyaa biraa haadha mana koo kana teessisee ija jaalalaan amansiisee itti himee dogongora jiru yoo dhiifama naaf goote dhiifama gaafadha isheen yoo didde dursumaa kan rakkoo dhala argachuu qabu ani rakkina isheen qabduuf jedhee ilmoo osoon hin aragatiin jalala ilmootiin jiraachaa turuun fayidaa hin qabne waan ta’uuf ani haadha manaa koo iiti himeen itti dhiisaa yoo iesheen didee loltee narraa adda baate isheedhuma ilmoo irraa argadhen jaaladhee ofitti deebisee wajjin jiraadha.
Egaa ilmi namaa inuma dogoggora. Dogoggorasaa irraa immoo baratee deebi’uunis amalasaati. Erga dogoggora kana raawwattee, gaabbiifi murtiin biraa homaa bu’aa hinbuusu. Kan ati gochuu qabdu, inni duraa obboleettii haadha manaakeefi haadha manaakee bakka tokkotti waamii isaan duratti kufii dhiifama gaafadhu! Kun dogoggora itti hin yaadamne waanta’eef sirriitti isaan amansiisii isaaniin waadaa waliif galchisiisi! Inni lammaffaa obboleettii haadha manaakee achuma ofuma bira kaa’i! Inni sadaffaafi inni xumuraa, ulfa uumame yeroo malee baasuufi lubbuu ajjeesuun cubbuudha. Waaqnis hinjaallatu… Galatoomaa!
Lubbu Hin Balleessin
Lubbu Hin Balleessin
Anilee akka yadaa kiyatti ulafa yeroo malee basuun midhaa waan qabuuf basunis dongogora lammafa
Ati ilmoo hawwita garuu ni dhabde akkuma carrammo rakkoon rakkoo caalu sitti dhufe kana gorsa ani sif laadhu lamaan isaani dhiifama gaafatta yoo haati manaakee diddemmoo isheema ulfeessitee wajjin jiraatta. kanuma
waan badaa goote waaqayyo sihaa baasu