• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Obboleettii Koo irra Jaalalli Na Qabee!

4 Comments
 26 Mar 2017   Kan maxxanse Odaa Gurree

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


shaggee

Obboleetti Koo Irra Jaalalli Na qabee

Yaa firaa akkam Jirtu? Nageenyi badhaadhaa? Alaa manni, jarmiin , maatiin hundi nagayaa? Ani nagaa dha. Waan irraa barattan, anaafillee gorsa laattan, ofiifis irraa waa qooddattan jedhu tokko qabadheen fuula keessan durattan dhiyaadhe.

Fuula na hin dhorkatiinaa.Jireenya dhala namaa keessatti waa hedduu nama qunnama. Gadda, gammachuu, du’a, jireenya, jaalala dhugaa, jaalala sobaa kan summii damma keessaa.

Ani mee yeroo tokko tokko seenaa dhuma koo kana mataakoof dubbiseen ofitti gammada, kolfa, gaddas. Jireenya koo keessatti waan akkan amma dubbiftoota barroo koo kanaaf himuuf deemuutti kan na qunname hin jiru.

Ani maqaan koo Tolasaa Jabeessaan jedhama. Ogeessa fayyaa ta’een Hospitaala guddaa tokko keessa tajaajilaan jira. Yeroon barataa turetti keessumaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa keessatti muuxannoo jaalalaa durba waliin hin qabun ture. Yeroo koo hedduu barnoota irrattan dabarsa. Barataa qaxalee jira jedhamus.




Baran kutaa 11ffaa mana barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaatti baradhu tokko waan raajiin ta’e. Obsaan seenaa koo duukaa bu’aan afeerraa koo ti.

Ani kan dhaladhee guddadhe Godina Horro Guduruu Wallaggaa, Magaalaa xiqqoo tokko kan Waayyuu jedhamtu keessatti. Akkan kutaa 10’n xumureen maatiin koo Godina Shawaa Lixaa, Magaalaa Geedoo dhaqee barnoota qophaa’inaa akka baradhu natti himan. Harmeen koo dhalootaan baadiyyaa Geedoo karaa warshaa shukkaara Fincaa’aa geessu irraa gara bitaatti meetira 300 hin caalu. Yeroo hedduus harmee koo waliin akkoo fi akaakayyuu koo dhubbisuuf deddeebi’aan ture.

Akkuman fulbaana keessa kutaa 11 eegaleen barattuu dubraa “Shaggee” jedhamtu waliin barcumni nu qaqqabe. Intalli kun mucaa magaalaa Geedoo ti. Barnootaanis jabduu dha. Adeemsa keessa walitti siqaa dhufne. Anis mana kireeffadhee jiraadhuu ka’ee guyyaa boqonnaatti ishee waliin dubbisuu eegale. Osoo hin beekne keesso keenyatti jaalalli addaa uumamuu eegale. Guyyaa waliin daree oollee galgala naannoo mana isaanii dhaqee yoo hin argine halkan hirribni na hin qabatu. Waan hedduu keessas seenuu, jaalala waliif qoodaa …… Mee Dhiisaa!! …. waan hin himamne hedduutu ta’e.

Akka carraa ta’ee gaaf tokko barnoota Afaan Oromoo osoo barannuu barsiisaan keenya “Hidda Latiinsa Oromoo beektuu?” jedhee nu gaafate. Barattoonni muraasni deebisan. Boodarra, “Innoo haa hafuutii mee hamma akaakayyuu keessan torbaatti lakkaa’aa” nuun jedhe.

Barattoonni lakkaa’aanii dabareen anaa fi Shaggee qaqqabe. Ani haga torbaatti karaa Abbaa koo lakkaa’ee karaa harmee koos lakkaa’uuf jedhee yemmuu 4ffaa fi 5ffaa waamu Shaggeen butamtee lafa ol kaate. Anis addumaan kute. Barsiisaaniis waan ta’etti waan rifate haa ta’u raajeffate fakkaata.

“Rakkoon jiraa?” jedhe. Ani “lakkii” jedheen. Isheen dubbachuu didde. “Barsiisa gadi bahuu nan danda’aa?” jette. Barsiisaanis, “bahi!” jedhe. Anis waan ta’e gaaffii waan natti uumeef duubarran gara alaa bahe.

Yommuun alatti bahu daree jala dhaabbatte imimmaan lakkuu… lakkuu.. maddii ishee burtukaana diimate fakkaaturra lolaasaa jirti.”Maal taate?” gaafan jedhu, “Waan tokko akka na waliin hin dubbanne!” naan jette. Barsiisaanis isa nuti walitti dubbannuu dhaga’ee dhufe.

Lamaan keenya biiroo fuudhee deemee nu gaafate. Isheenis “Ani fi inni akaakayyuu 4ffaa irraa kaasee wal agarra karaa harmeesaa” jette. Animmoo dabaree koon boo’uun eegale. Barsiisan keenyas “rakkoon guddaan isin osoo hin taane maatii keessani. Wal iyyaafachuu fi wal barsiisuun hojii isaanii ti. Waan darbe dagadhaa. Ammaan booda obbolummaan jiraadhaa. Dhoksaa kana eeguun immo hojii kooti” nuun jedhe.

Anii fi Shaggeen yeroo ammaa kanatti haadhoo garaa tokko baate waliif caalla.Namni barreeffama kana dubbiftan ijoolle keessan wal barsiisaa. Akaakayyuu haga toorbaatti lakkoofsiisaa. Warri wal jaalattanis waan biroo keessa osoo hin galiin kana adda baafadhaa.Akka aadaa Oromotti firri wal hin fuudhu. Akaakayyuu toorbaa gaditti wal fuusisuun haaraamuu dha!!

Ulfaadhaa!!



Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Adaada Tiyyarra Jaalalli na Qabe!
April 2, 2017

Madaa Hin Qoorree
March 31, 2017

Guyyaa Tokko Akka Ati Gaabbitu Rabbiin Naa Agarsiisa!!
March 27, 2017



4 Comments

Shalomabdi
8 years ago



Barumsaa gudaa of kessaa qabaa bay’ee galatomii wanumaa yeroo heduu nama mudachuu danda’udhasi

Temam mohammed
8 years ago



Barumsa guddaa nuf kennite galatomi

Tilahun
8 years ago



galatoma

ABIYA WAMI
8 years ago



JALACHUN BARBAADERA






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...