• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Sababaa Ilma argachuu dhabuu kiyyaaf Nadhiiste

5 Comments
 29 Jun 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Ilma DhabuuIlma dhabuu kiyyaaf nan hiikte!

Yeroo mara gaafa wal barre sana fi akkaata wal barre yaada. Namnii jireenya koo gara fuuldura akasittan jiraadha yookan haala akkasiitin jiraadha jedhee hin murteessu. Aniis siwaliin wal fuune jiraanna jedhee abjuu baddee yaade hin beeku. Garuu hin ta’ee!!

Mohamed, dhiphinaa fi yaada keessa koo akkaata sittii himu hin qabu. Garuu walumaagalatti keessii kiyya baayyee ciinqamaa akka jiruu fi waanan godhuu wallaala akkan jiru sittii himuun barbaada. Akka tasaa ta’ee sababa hojiitin naanno maatin kee jiranittii jijjiramne yeroo deemnu, aniif atii carraa wal barruu arganne. Maatin kee najaalatani erga aniif atii wal barre boodde. Haala keenya arganii akka nutii wal fuune jaalalaan waliin jiraannuf hulaa nuubanan. Nutiis wal jaalanne bor bultii waliin ijaaranna jennee waan yaannef. Akkaata fedhii isaaniitin wal kaadhimanne. Atiis hojii qabattee aniis hojii qabadhe jaalalan waliin jiraachu eegalle.

Himmm Maal godha.

Harr’a kaleessa ta’uu hin danda’u. Mohammed aniif atii haala akkasiitin gargar baana jedhee tasuma yaade hin beeku. Maatiin kee wal fuudhu keenyatti gammadaniis aniif atii erga wal fuune boodde garuu, mucaa godhachuu akka hin dandeenye gaafa argan, baayyee gaddanii ilaalchi isaan anaaf qabaniis jijjiirame. Boodde boodde maalif ishii hin hiikttuu akka sin jechaa turan namarra dhaga’e.

Himm. Mohammed, anillee akka ilmaan horannee gammachuuf jaalalaan waliin jiraannu fedhii guddaan qaba. Garuu maal godhuu? Akka fedha kooti naaf ta’uu didee. Anii nama uume garaa koo keessa kaa’u hin danda’u. Rabbii tokkichatu kana hojjachu beeka waan ta’eefi. An jaaladhee mitii. Jaalalaf kabajaa guddaa siif qaba. Sirra adda ba’ee jiraachus hin barbaadu.

Garuu maal godhuu? Sababa maatii keetin atiis ilaalcha naaf qabdu nattii jijjiiramee boodde boodde narra fagaachu eegalte. Sirrumasaa immo dubartii biraa akka siif gaafacha jiran dhaga’e. Mohammed, homa jechuu mitii tarii anaanis bor rabbiin nayaadata ta’a. Waan humna kooti ol ta’ee kana garuu homa gochuu hin danda’uu. Otoon sijaaladhu otoon siwaliin jiraachu fedha qabu, sababa maatii keeti fi ilmo dhabuu kootin sirra adda bahuun dirqameera. Daandii siif haa milkaa’u. Jireenya gaari yeroo mara siif hawwa. Anaafis rabbii jira.

Fayyaa tahii. Haadha manaa kee muummina dha. Abba manaa koo Mohammed Baale Gaasara kan argamuufi.

Osoo Mohammed taate maal gootu? Mee gaaffi fi gorsa keessan gama #comment dhan barreessa.
——————————

Galatooma

Xalayaa kana Mohammed dhan dhaqabsiisuf #Share akka cuqaasttan kabajaan isiin gaafanna!

Galatooma hanga Xalayaa Jaalala kan biraa isiniin walittii deebinuu. Nufaana tura!

Xalayaa keessan nuuf erguus hin dagatina!

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Xalayaa Jaalallee koo Oromiyaadhaaf!
April 8, 2017

Adaada Tiyyarra Jaalalli na Qabe!
April 2, 2017



5 Comments

Hambessa Bati
9 years ago



osoo muhaamed ta’ee ishii hin dhiisu.maaliif yoo jettan rabbiin daa’ima kennuufii danda’a.yoo ta’uu baate karaa saayinsiitiin mala namni daa’ima hin arganne ittin argatu ni jira jedhu saayintistoonni.isas hordofuu qaba yoo kan ta’u taate.yoo ta’uu dide immo saaraadhaaf haala mijeessuu qaba

Misgana Guta Regassa
9 years ago



Jaalala dhugaa osoo ishee jaallata ta’ee haalli isa hinjijjiru ture. dhalli kennaa rabbiiti!!!!

deju love
9 years ago



Kun essaan kan murtahuu nattii hin fakkattuu maaliif yoo jettaan rakkoon kaan shammarran qoffaa nattii hin fakkattuu waan hundafuu osoo isaan lamanuu ilalamanii garrii nattii fakkatta

Muhe Endries
9 years ago



Tarii kennaa kana kan namaaf kennuu rabbii qofa. Haa tahuutii rakkoon ishii qofa jedhanii murteessunis rakkisaa dha .kanaaf lamaanuu qoratamuu qabu fala barbaaduu qabu yoo tahuu baate garuu jaalala isaanii adda kutuu hin qabanii kennaa rabbii waan taheef kennuufii dandaha .

fayfayoo
8 years ago



osoo hin hiikin mala bira ykn tan bira fuudhe akka maatii tokkottii wal wajjiin jirachuu dha. ilmoos ni argatuu






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...