• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Nan Jeeqiin Sin Barbaadu!

12 Comments
 25 Aug 2015   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Nan Jeeqiin Sin Barbaadu! – Xalayaa Jaalalaa

Xalayaa Jaalalaa

Yaadannoo Bara Sana – Xalayaa Jaalalaa

Namnii yeroo wal jaalatee bultii ijaaratee bultii isaa diige qophaa qophaa jiraatu akkamiin waan akkasii raawwata jedhee namattii murteessaa ture. Hardha garuu anumtii mataan koo sirraa gargar bahee qopha koo jiraachu eegale. Wantii namaan jedhan nama gahuunsa nama hin ajaa’ibu?

Naasifo, akkatti wal barree yeroo akkam akka waliin dabarsineefi nama akkamii akkan ta’ee sirritti beekta nattii fakkaata. Silumattuu namnii anii nama gadhee dha ofiin hin jedhuu garuu of jajjuuf mitii dhugumattii anii siif nama gaari ture. Baayyen sijaaladha baayyeen sikabaja. Jecha keerra tarkaanfii tokkooyyu hin deemu ture. Atii garuu kana na hubachuu hin dandeenyye. Naasifo, hin yaadattaa hiriyoota keetu akka nutii wal barree waliin jiraannu kan taasise. Yeroo sanattii dhugaa dha, bultii ijaarachuuf fedhii guddaan qaba. Akkan sii argeen abbaa mana koo taata jedhee yaadu baadhus turtii yeroo dheera boodde walittii dhufeenya keenya gaafa cimuu gaaffi jaalala na dhiiheesiten suuta suuta gara jaalalattii seenne.

Yeroo sana jaalala atii naaf qabdu adda! Yeroo sanattii wanta atii naaf hin goone hin jiruu. Nin yaadadha otuu anii wa’ee wal fuudhu hin yaadin qubeella harkaa bittee gara Asallaa dhuftee gaafa anii hin yaadiin “atii haadha mana kooti” jettee qubeella sana qubattii nakeesse. Miira nattii dhaga’ame yeroof akkaatan ibsuu hin beeku. Sin jaaladha garuu, wal fuudhu keenyaf akkasittii dhaftee murteesita jedhee yaade hin beeku. Nan nahees nan gammadees. Jaalalan sii simadhee. Achii boodde hojii dhan jijjiiramee akka magaala Adaama dhufuu ta’ee. Achiis maatii kootitti jaarsuma erginee. Aniif atii wal fudhanne gara mana keenyatti Adaamattii gallee.
Hiiimmmm. Yeroo aniif atii wal hammannee karaarra deemnu, yeroo bakkeewwan bashananaa garagara waliin deemnu, yeroon bakka hojii deemu hamman taaksii qabadhuutti sii nageggeessitu. Maal kana qofaa? Waan baayyee gaafan ilaalu dhugumaa anaaf atii gargar baana jedhee namnii yaadu jira nattii hin fakkaatu. Icciiti gola keenya garuu goluma keenyattii hafee. Duuban gaafa silaalan nama namaaf yaadu nama gaari fakkaatta. Keessii kee garuu summii dha!! Otoon barbaade anii sirraa adda ba’ee, amalaa kee waanan hin dandeenyef qofa! Nama birattii na haammattee na jajjee na sossobdhe, yeroo manattii galluu, “maaliiff uffataa akkasii uffattee? Rifeensii mataa keetii maaliif kana fakkaate?” Uuuff wantii atumtuu nan hin jennee hin jiruu. Sana mara danda’ee jiraadheera. Innii kaan haa hafuu.

Hojiirra gaafa miinda fudhadhee galuu, miindaa koo qarshii tokkoo utuu hin ir’atiin anii dabarsee siif laadha. Atii garuu, kan kee miinda baankii geesse yeroo anii sigaafadhuu “manatiin ijaarra” nan jetta. Kan kooti immoo mana keessattii ittii fayyadamnaa. Otoo atii hin beekiin qarshii tokko haadha kootiif illee kennee hin beeku. Isayyuu yeroo maatin koo mana keenya dhufan fuulli kee wal ittisuu hin turree. Ana nyaachuf kaata. Isaan amala kee waan beekaniif mana koo hin dhufanii maatii koo irra addaan bahee obbolaa koo irra fagaadhee siqofaa filadhee siwaliin jiraadhu eegalee.

“Lakkii namichii kunii siif hin ta’uu amallii isaa gaarii mitii atuu akkamittii jiraatta”, osoo nan jedhan. “Lakkii takkan ittii galee akkam godhee narra adda ba’a”, jedheen obse. Boodde garuu, Naasifo waan atii goote yoomiyuu hin dagadhuu. Namnii barabaraan biyyaa lafa kanarraa hin jiraatu. Hundumtuu nidarbaa. Atii garuu waanti martuu darbuu hin beektu. Kana fakkaata gaa. Na dhoksitee maqaa obboleessa keetin mana bareeda isaa ijaarte. Gaafan dhaga’uu nan nahee. “Mee ree qarshii atii kaa’a turte”, gaafan sin jedhuu. “Nan balleesse”, nan jettee garaan siif na cite akkasiis ta’ee garuu sirraa addaan hin baane. Tarii, rakkoole anaaf sii gidduu jiruu hin furamaa jedhee yaaden jaarsuma sittii baase. Atii garuu nama deebi’uu hin turre. Ammas waan bira ammas badii biraa. Akkasittii yoon ittii fufee jireenya koo boriitif sodaachisa dha jedhee murteesse sirraa adda bahee.

Erga waan hundumttu raawwatte aniif atii gargar baanee jaalaltii sittii cimee fakkaata. Narakkisuu eegalte. Naasifo, an meesha kee tokkoyyuu fudhadhe mana hin baane kan koos siif dhiiseetin deeme. Yoo barabaraan jiraatta ta’e sii yaa fayyaduu. An kunoo akka haaratti jiraachun jira. Homaas immo hin rakkannee. Rabbiif galannii haa ta’uu. Kana boodde garuu bilbiltees namaas nattii ergitee nagaa koo nan jeeqin kana boode anii siwajjiin jiraachu hin barbaadu. SIN BARBAADUU!!

Fayyaa tahii haadha manaa kee durii Siwayyaa Magaala Adaamarra Abba manaa koo kanaan baayyee jaalachaa turee amma garuu kan isa hin barbaannee Naasifo dhaaf.
—————————————–

Galatooma!

Xalayaa Jaalalaa kana Naasifo dhan dhaqabsiisuf share‬ akka cuqaasttan kabajaan isiin gaafannam!

Galatooma hanga Xalayaa Jaalalaa kan biraa isiniin walittii deebinuutti nagaan tura!
________________



Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



12 Comments

habtamu gudisa
9 years ago



gudda namatii tolaa jabaadha

    Xalayaa
    9 years ago



    Galatoomii

Guutama
9 years ago



Nama tola bareeda

Jafar
9 years ago



Galatoomaa! baayyee namatti tola.

Akuma Mathewos
9 years ago



Dhugaa qabda.jireenya kee si wayya.

Akuma Mathewos
9 years ago



Good

Lelisa Bekuma
9 years ago



GOOD!

tasfuu taaddasaa
9 years ago



kan biraa barbaaddachuuf itti fufi.

jonse ketela
9 years ago



GALATOOMA!!!

Jonse Ketela
9 years ago



GALATOOMA

Ahmedin Yusuf
8 years ago



Baayy’ee gaariidha Jabaadhu

Carraa Abirihaam
8 years ago



baayee gaaridha ergaa goorsaa dhagahuu dide






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...