TARII WALIIF HIN UUMAMNE LAATA?
Maqaan koo Jabeessaa Hundeessaa jedhama. kanin dhaladhee guddadhe godina Shawaa lixaa Magaalaa Amboo tti. Umuriin koo yeroo barumsaaf ga’us mana barumsaa seenee achuma magaalaa Amboo keessatti sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa baradhee xumure. Akkuman baradhee xumureen biyya alaa deemee jireenya fooyya’aan jiraadha jedheen biyya koo Oromiyaa lakkisee gara biyya Misirii, magaalaa kaayirootti qajeele.
Waaqayyo na gargaaree nagaadhaan magaalaa Kaayiroon ga’e. Akkuman achi ga’een namoonni na simatan sun akka ani deemee UNHCR tti galmaa’uuf na gorsan. Anis deemeen galmaa’e. Warri UNHCR kunis dhimma koo ilaalanii simanna naaf gochuun waraqaa ani ittiin jiraadhu naaf kennan. Anis baqataa ta’ee jiraachuun eegale.
Anis egaa amma magaalaa Kaayiroo sirriitti baruuf jedheen oliif gadi keessa adeemuun eegale. Kana giduutti guyyaa tokko mucayyoo bareeddu tokko waliin karaa irratti walitti baane. Bareedinni ishee waan nama hawwatuuf itti siiqee dubbisuun yaale. Keessi koo immoo tarii Oromoo ta’uu dhiisuu dandeessi jedhee sodaa natti naqe. Garuu, of jabeesseen ittuma siiqee ija sodaan guuteen “akkam?” jedheen nagaa ishee gaafadhe. Isheenis “akkam nagaa keetii?” jettee naaf deebiste. Anis Oromoo ta’uu ishee nan mirkaneeffadhe; nagaa na gaafachuu isheettis nan gammade. Achumaan “maqaan koo Jabeessaa” jedhama jedheen itti himadhe. Isheenis xiqqoo akka seequu taatee fuula ifaadhaan “tole maqaan koo immoo Soorettii jedhama” jettee naaf deebiste. Achuma dhaabannee xiqqoo erga waliin haasofnee booda lakkoofsa bilbila keenyaa wal jijjiirree adda baane.
Anis fuula gammachuun guuteen kokkolfaa, sesseeqaan gara manaatti qajeele. Akkuman mana ga’een mucaan ana waliin galu “maal akkam wansaa nama baayy’ee gammade fakkaattaa maaltu argame?” naan jedhe. Anis “eyyeen dhuguma har’a gammadeera, mucayyoo baayy’ee bareeddu tokko waliin wal bare; lakkoofsa bilbila ishee irraa fudheen dhufe” jedheen itti hime. Inni “wow baayy’ee namatti tola” jedhee naaf deebise.
Lafti dhiyee sa’aatiin hir’ibaa gaafa ga’u, rafuuf siree koo irran ba’e. Haa ta’u malee, hir’ibni na qabachuu hin dandeenye. Ciiseen waa’ee Soorettii yaaduu eegale. “Ka’ee bilbiluufii?” jedheen ofitti dubbadhe. Garuu, keessi koo waan sodaateef “ergaan barreessaaf” jedheen murteesse. Achumaan “Soore har’a si waliin wal baruu koof baayy’ee gammadeera; nagaan buli” jedheen garaa naasuun guute fi quba hollatuun ergaa barreesseef. Otuu hin turiin isheenis “Anis gammadeera; wal barnoota gaarii nuuf haa ta’u nagaan buli” jettee naaf deebiste. Anis akka gammaduu tokko ta’een uffata koo jala seenee otuun waa’ee ishee yaaduu, achumaan shillim jedhe.
Akkuma lafti bari’een Soorettii dhaaf nan bilbile. Nagaa wal gaafanne. Achumaanis wal arguudhaaf beellama qabanne. Keessi koo jaalala isheen waan guuteef, beellama keenya irratti yeroo wal arginu akkan ishee jaalladhu itti himuun qaba jedheen murteesse. Sa’aatiin wal arguu keenya geenyaan Soorettii waliin wal argine. Erga nyaannee dhugneen booda seenaa keenya waliif qooduu eegalle. Erga waliin baayy’ee haasofnee booda akkan ishee jaalladhu itti himuuf jedhee akka isheen hiriyyaa qabdu baruuf ishee gaafadhe. Isheenis akka hin qabne naaf himte. Anis gammadee akkan ishee jaalladhu isheetti hime. Garuu, toles hin ta’us nan jenne. “Ni mariyanna” erga na jettee booda “guyyaa biraa wal argina amma haa gallu” nan jette. Anis “tole” jedhee nagaatti waliin jennee gara mana mana keenyaatti qajeelle.
Soorettii waliin waliif bilbiluun keenya itti fufe. Waliin haasa’uun keenya daqiiqa shan irraa gara sa’aatii tokkotti ol siiqe. Jaalalli waliif qabnus dabalaa adeeme. Ani fi Soorettiin jaalallee walii taane. Guddoo wal jaallanna. Guddoo waanin ishee jaalladheef anis ofitti hir’isee waan hunda isheef guutaan oola. Ganamaa galgala waa’ee koo dhiiseen waa’ee ishee yaada. Of dagadheen isheef wanta gaarii godha. Isheenis baayy’ee akka na jaallattu ammaa ammaa natti himti; na argachuu isheettis gammadeetti. Jaalala miyaa’aa akkasiin erga waggaa lama geenyeen booda gara fuul duraa waliin gaa’ila godhannee akka jiraannu irratti haasofnee murteessine. Maatii keenyattis ni himne. Maatiin keenyas gammadanii “tole” jedhan.
Kanuma gidduutti warri UNHCR xalayaa naaf ergan. Xalayaa isaan naaf erganis, “biyya Australia siif kennineerra waan ta’eef, Embassy’n Australia yeroo dhiyootti si qunnamu waan ta’eef eegi” Kan jedhu ture. Anis nan gammade; Soorettii koottis nan hime. Isheenis ni gammadde. Jaalallee koo Soorettii dhiisee deemuu waan hin barbaanneef, waraqaa ragaa akka wal fuune Kan mirkaneessu mootummaa irraa baafachuu qabna jennee Soorettii waliin haasofne. Isheenis “tole” jette. Cidha keenya guddaa Australia tti godhanna garuu waliin akka deemnuuf mootummaa irraa waraqaa ragaa kana baafachuu qabna jennee waraqaa ragaa kana baafanne. Ergasii booda anis, Fuudhee haadha manaan qaba jedhee xalayaa barreessee waraqaa ragaa sana waliin Embassy Australia tti erge.
Otuu baatii tokko hin turiin Australia Embassyn kaayiroo keessatti argamu kunis lachuu keenya waame. Nuyis ni deemne. Gaaffii tokko tokko erga nu gaafataniin booda “dhimma keessan simanneerra yeroo dhiyoo keessatti Australia deemtu waan ta’eef of qopheessaa” nun jedhan. Ani fi Soorettiin koos baayy’ee gammannee, kokolfaa, gammadaa gara manaatti galle.
Otuma deemsaaf qophaa’aa jirruu, kanuma gidduutti amalli Soorettii natti jijjiiramuu eegale. Anis nan na’e. “Maal taate” gaafa ani jedhu, “hoomaayyu” nan jetti. Isa dur guyyaatti si’a kudhan naaf bilbiltu, amma yoo ani bilbile iyyu seeraan hin kaaftu. Yoo kaastes badaa of irraa buutee natti hin haasotu. Kanuma gidduutti Soorettiin, mucaa Tolaa jedhamu tokko waliin akka adeemtu namni natti hime. Mucaan isheen waliin adeemtu(Tolaan) kunis dhiyoo biyya irraa dhufe. Garuu yeroo namni natti himu amanuu hin dandeenye. Waadaa baayyee waliif galleerra. Jaalalli nuyi waliif qoodaa turres kan nama shakkisiisu hin turre.
Haalli jijjiirama ishee kun gaaffii waan na keessatti uumeef, Soorettiif bilbileen ishee waame. Isheenis ni dhufte. Fuulli ishee garuu gaddaan nama guute fakkaata. “Maal rakkoon jiraa?” Isheen jennaan, isheenis naaf deebisuu didde. Anis itti fufee “Tolaa mucaa dhiyeenya kana biyyaa irraa dhufe waliin hariiroon keessan maalidha?” Jedheen gaafadhe. Gaaffii koo naaf hin deebisne. Garuu fuula ishee irraa imimmaan akkuma galaanaa dhangala’a. Ammas irra deebiyeen “maal taate Sooree koo?” Jedheen gaafadhe. Imimmaan ija ishee haxaawwachaa sagalee hollannaan guuteen “hoomayyu” na jette ammas. “Tolaa ni jaallatte moo?” Jedheen ammas irra deebiyee gaafadhe. Isheenis “eyyen” na jette. Achumaan duddi koo lamatti qamax na jedhe. Yeroo sanatti hoomaa dubbachuu waan hin barbaanneef, “Beenu gali anis nan galaa” jedheen ishee biraa sokke.
Lafti bari’ee jennaan ammas Sooree bira deemee “maal rakkoon jira moo? Wanti sitti bade jira moo?” Jennaan, “lakki wanti bade hin jiru anumati isa jaallate malee” na jette. Haasofsiisee, gorsee deebisuuf yoon yaalus, Sooreen tole na jechuu hin dandeenye. Namoonni natti dhiyaatanii fi maatiin ishees yoo gorsuu yaalan Sooreen, Tolaa jaallattee waan jirtuuf gorsa kana hoomaatti iyyu hin lakkoofne. Tolaa waliin hariiroo ishee itti fufte. Guyyaan deemsa keenya Australias ni dhiyaate. Soorettii dhiisee deemuu nan danda’a. Garuu, garaan koo baayyee waan ishee jaallattuuf lafa sanatti ishee gatee deemuun natti ulfaate. Kanaaf ishee fuudhee deemuun murteesse. Soorettii fi Tolaanis gara fuul duraa wal fuuna jechuun waadaa waliif akka galan dhaga’eera. Dhoksaatti qubeelaas waliif kaa’aniiru. Guyyaan geenyaan ani fi Soorettiinis gara Australia tti imaalle. Lafa yaadne sanas nagaan geenye. Akkuma achi geenyeen anis nama na beeku biran deeme; isheenis akkasuma mucayyoo beektu tokko bira buufatte.
Anaaf Soorettiin garaa irraa yoo ta’uu baate iyyu inuma walitti haasofna. Anis baayyee waanin ishee jaalladhuuf garaa itti hin jabaadhu. Erga Australia geenyees, namoonni deebisanii walitti nu araarsuu yoo yaalan iyyu, ammas Soorettiin tole jechuu hin dandeenye. Tolaa dhaan baayy’ee akka jaallatu fi isatti malee akka hin heerumne dubbatte. Ani garuu, Sooreen koo tarii gaaf tokko inuma natti deebiti jedheen abdiin eeguu ittuman fufe. Garaa kutachuu hin dandeenye. Sooreen garuu ganamaa galgala gara Kaayirootti bilbiluun Tolaa ishee waliin haasofti.
Guyyaan geenyaan, Tolaanis carraa karaa UNHCR argateen gara Australia dhufaa akka jirun dhaga’e. Soorettiinis hiriyyaan koo Tolaan naaf dhufaa jira jettee qophii irra akka jirtun dhaga’e. Garaan koo takka ni gadda, takka immoo “tarii aniif Sooreen waliif hin uumamne fakkaata” jedheen ofitti gumguma. Kanuma gidduutti Tolaan otuu Soorettii tti hin himiin Australia dhufee mana fira isaa buufate. Akka Tolaan Australia ga’es Sooreen ni dhageesse. Garuu maaliif akka guyyaa dhufa isaa ishee dhokse isheef hin galle. Tolaa barbaaddee arguuf yoo yaaltus, inni garuu ishee arguuf fedhii akka hin qabne itti hime. Isheenis baayy’ee gaddite. Torbee tokko ol ishee dhukkube. Ammas irra deebitee arguuf yoo yaaltus, Tolaan akka arguuf fedha hin qabne ammas itti hime. “Anaaf ati har’aa booda obbolaanidha” isheen jedhe.
Tolaan erga ishee dhiisee Sooreen baayy’ee miidhamte. Ani garuu ammayyu nan jaalladha waan ta’eef irra deebiyee gaafachuun yaale. Garuu, Sooreen ammas tole na jechuu hin dandeenye. Egaa Sooreen anattis, Tolaa ttis hin hafne kunoo nama biraatti heerumuuf jechaa jirti. Egaa anis “Tarii aniif Sooreen waliif hin uumamne laataa?” Jedhee sammuu gaaffiin guuteen garaa koo kutadhe.
3 Comments
Wanti hedduu na gaddisiise, jaalalli gama lachuunuu osoo galma hin gahin hafuu isaati. Ati waan hundaafuu dhiphachuu hin qabdu. Maalifi kan carraa bal’aa qabu sihiidha waan ta’eef jechuudha. Ishii hamileen ishii baay’ee cabera. Namni waan facaase ofumaa haammata jedhamaamiree!!!#
Ajaa’iba kan ishee!!
wow! amezing story, namni waan fedhee hin argatuu jedhee akka amanu naa godhee story kunii!!