• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Xalayaa Facebook ‘Tiin – Lataa Qana’ii Aaga-tiin

3 Comments
 22 May 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


 

Lataa Qana'ii Aaga

Lataa Qana’ii Aaga

Xalayaa Facebook ‘tiin

~ Lataa Qana’ii Aaga

 

Haaga’u nagaan koo jaalalaafi kabajaa kan yeroo hunda laphee koo keessa ‘online’ jirtu jaalallee koof. Erga jaalalli kee na keessatti ‘account’ banatee kaasee waa’eedhuma keen yaada. ‘Logout’ godhee jaalala kee keessaa ba’uuf yaaliin ani taasise naaf hin milkoofne. Dhugaadha baay’een si jaalladha! Kana booda nama ‘follow’ si godhu hunda qabee caccabsuuf onnee koorraa ‘confirm’ godheera. Namni jaalalaaf si gaafachuu yaadaa jiru kamiyyuu karoora isaa dafee ‘cancel’ gochuu qaba. Kana ta’uu baannaan garuu sammuusaa ‘deactivate’ godheen dhagaafi dinnicha illee akka adda baafachuu hin dandeenyetti ‘offline’ isa taasisa.

Bareedduu kiyyaa, erga ati ‘request’ koof bakka kennitee na wajjin jiraachuuf murteessitee booda jaalalli kee kan durii caalaa na keessatti ‘add’ ta’eera. Yaada garaa koo wajjinis si qofatu ‘chat’ gochaa oola. Bakka ati mul’attu hundatti akkan si wajjin mul’adhuuf adaraa kee ofirratti ‘tag’ na godhi. Icciitii kee immoo anarraa kan darbe nama tokkofiyyuu ‘share’ hin godhiin. Anarraa kan darbe akka namni kaan dhoksaa kee hin agarre ‘privacy’ keessa seenii ‘only him’ kan jedhurra kaa’i. ‘Genera setting’ kees qajeellummaafi gaarummaarraa hin jijjiriin. Arrabni namaa ‘active’ waan ta’eef oduutti ariifata. Akka namni nu gidduu seenee walitti dhufeenya keenya ‘block’ hin goone jabeessii of eeggadhu.

Guutummaa guutuutti amala kee ‘like’ godheen jira. ‘Timeline’ kee yommuun ilaalus nama aadaafi safuu beektu ta’uu keen arga. Waa’ee sabboonummaa kee irratti ‘comment’n siif kennu hin qabu. Garuu maqaa biraatiin ‘page’ banachuu keetti sitti dallaneen jira. Otuu erga mariidhaan ‘join’ wal goonee booda banatte ta’ee gaarii ture. Waanuma fedheefuu hiriyyoota kee warra kottu magaalaa keessa deemna jedhanii ‘invite’ si godhan immoo hin dhaggeeffatiin. Yoo didanii si rakkisan ‘unfriend’ taasisi. ‘Group’ baaltiifi sobaa hunda har’aa kaasii ‘leave’ godhi. Gorsa koo kana hunda immoo ‘upload’ gootee ‘wall’ kee irratti akka mul’istu abdiin qaba.

Jaalalli kee akka ‘delete’ ta’uu hin dandeenyeetti sammuu koo keessatti ‘post’ ta’ee jira.

Naaf jiraadhu!


Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



3 Comments

Magarsa
9 years ago



Jabbadhu

jaalata bilisumma
9 years ago



seena oromoo nu barsisaa

Abarraa 0919840640
9 years ago



Akkanumatti itti fufi






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...