• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Xalayaa Jaalallee koo Oromiyaadhaaf!

7 Comments
 08 Apr 2017   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Oromiyaadhaaf

Xalayaa Jaalallee koo Oromiyaadhaaf!

Hunda dura, si haa ga’u nagaan koo kan onnnee koo irraa madde Kan jaalalaa fi kan kabajaa. Akkam naaf jirta jaalallee koo? Ani jaalala keef jedhee ergan sirraa adda ba’ee kaasee, ganamaaf galgala waa’ee kee yaaduu, waa’ee kee dhiphachuu, fi waa’ee kee dhukkubsachuu irraa kan hafe nagaa kooti.

Ani dhuguma dubbachuuf sirraa adda ba’ee guyyaa tokko iyyu bula jedhee yaadee hin beeku. Haa ta’u garuu, ergan sirraa adda ba’ee kunoo waggaa tokkoo ol lakkoofsiseera. Waggaan tokko kun waggaa kuma natti ta’eera. Lafa dhi’ee bari’u, ani waa’eema keen yaada jaalallee koo. Ni yaadatta yoo ta’e, yeroon si waliin ture sana jaalala guddaa waanin siif qabuuf jecha, sirraa fagaadhee deemuu illee takkaa yaadee hin beeku. Yaadni koo, jiruun koo waa’eema kee ture; har’as sanuma Michuu koo!.




Jaalallee koo ammas ani imaanaa kee hin nyaadhu. Ammam rakkadhu illee waadaa jaalala keenyaa hin cabsu du’een bada malee. Yeroon jaalallee koo deebi’ee ijaan argu maal gochuufii akkan qabu, waadaan isheef galaa ture sana akkamiin akkan raawwadhuuf, waliin taanee jaabannee lafa mul’ata keenyaa akka geenyun yaadaa oola malee, ani yaada biraa hin qabu ya michuu koo. iddoo ani jiru kun naaf mijataa ta’uu haa baatu iyyu malee, jaalala ati naaf qabdu jajjabina guddaa naaf kenneera. Jaalala ati naaf qabdu isa durii irra caalaa guddaa akka ta’e, namoonni booda koo si biraa dhufanii na waliin jiraataa jiran natti himaniiru. 

Michuu koo, jaalala anaaf si gidduu jiru kanas diinni addaan kutuuf akka irratti hojjetaa jirus inuman beeka. Anaaf ati jaalala keenyaan fakkeenya akka namaaf ta’aa turre, fira mitii orma iyyu akka sooraa turre namni hundi ni beeka. Ani sirraa fagaadhee haa jiraadhu iyyu malee ammas nama hunda akka ati sooraa jirtu inuman beeka. Jaalallee koo, qabeenya kee fi garraamummaa kee kana ilaalee, namni hundi akka si jaallatu nan beeka. Nama sooruun, nama jaallachuun, hunda ofitti hammachuun amala ati uumamaan qabdudha. Inni fagoo irraa dheebotee dhufe, harka kee irraa dhugee dheebuu ba’a, inni fagoo irraa beela’ee gara kee dhufe, harka kee irraa nyaatee beela ba’a. Nama addaan fo’uunis amala kee miti. Garaa bal’aadhaan nama simatta. Haa ta’u malee, Inni har’a anaaf siin adda baases, namuma harka keenya irraa nyaatee dhugedha. 

Jaalallee koo ati abdii koodha. Miyaan jaalala kee yeroo hunda sammuu koo keessa naanna’a. Waadaan siif gale otuu hin raawwatiin akka hin duunes rabbiin kadhadheera. Bar tokko addunyaan gadi yaa’ee waa’ee jaalala anaaf ati waliif qabnu kana akka dubbatu ani shakkii hin qabu. Baayy’ee si jaallachuu koo irraan Kan ka’e diinni akka gargar nu fageesses addunyaan quba hin dhabu. 

Elaammee jaalallee koo, amma ani dhufutti atis jabaadhu. Hundeessaa, Gurmeessaa, Jabeessaa fi namoota nu beekan hunda waliin ta’aa jajjabaadhaa. Mana ani ijaaruu jalqabee gidduutti dhiisee sokke sana akka inni itti fufamee ijaaramu godhi. Ni beekta miti jaalallee koo, manni kun akka ijaaramee hin dhumneef, namoonni nutti inaafan heedduudha. Ati garuu xiiqiidhaan jabaadhu amma ani dhufutti. Manni kun ijaaramee dhumee jennaan firri keenya fagoo jiru illee hin rakkatu; nuyis akka mana kiraa’i sana acuuccaan nutti hin baayy’atu birmaduudhaan keessa jiraanna.

Ani, as taa’ee yeroo hunda nagaan siif hawwaam jaalallee koo. Yoo ati nagaa qabaatte anis nagaa qabaadha; yoo ati gammadde anis gammada. Lafa dhi’ee bari’u onneen koo simaaf na dha’atti. Jaalallee koo nagaadhaan akkan siif deebi’uuf, waaqa naaf kadhadhu, namoota na beekan hundattis naaf himi akka waaqa naaf kadhatan. Hawwiin koo inni guddaan gara keetti deebi’ee manan ijaaruu jalqabee gidduutti dhiise sana, ijaaree xumuruudha. Hawwiin keenya galma ni ga’a, anaaf atis wal argina, mana keenyaas ijaarree ni xumuranna, birmaduunis mana keenya keessa ni jiraanna. Amma sanatti hamaan sitti hin dhufiin jaalallee koo!!!

Jaalallee koo kan taate, Oromiyaadhaaf!

Jaalala keef jedhee mana hidhaa Kan jiru, Ana jaalallee kee irraa!

Xalayaa yaadannoo Obbo Baqqalaa Garbaaf.



Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Adaada Tiyyarra Jaalalli na Qabe!
April 2, 2017

Madaa Hin Qoorree
March 31, 2017



7 Comments

Dagaagoo Yigazuu
8 years ago



Baay’ee kan nama gaddisisuu fi garaa nama nyaatudha!
Atis nagaan nuuf jiraadhu ambassadara kee.yaa!!

Asfaw
8 years ago



Absurd, jaalalli biyyaa akkanaan hin ibsamu. Kun dheedhii, fakkaataa fi kijiba. Yaa obboleessoo bishaadhu!

    tjjn hsn
    8 years ago



    Rabbi guddaan isiniif has dhaabatu
    Goota akkasii qabaachuun nu boonsa nuuf jiraadhaaaaaa

Lammaa Waaqjiraa
8 years ago



nama gaddisiisa garuu homaa miti jabaadhu wal argan gaheera

yadesa roro
8 years ago



baayyee si jaallannaa tokkicha qixee kumaa jaabadhu seenaa hin daagatamnee nu bira qabda.

Retta Feyisa
8 years ago



Ergaa Qajeellootti Biyyaaf Dhaama Jabaadha!

Fikiru Habtamu
5 years ago



Baayee Sijaalanna Goota Keenya Nuuf Jiraadhu.






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...