• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


XALAYAA JAALALAA BARATAAN OROMOO POOLISOOTA OROMIYAATIIF BARREESSAN!

4 Comments
 01 Jul 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Poolisii Naano Oromiyaa. Bara 2008 ALH.

Poolisii Naano Oromiyaa. Bara 2008 ALH.

XALAYAA JAALALAA BARATAAN OROMOO POOLISOOTA OROMIYAATIIF BARREESSAN! 

Isin haa ga’u nagaan koo inni kabajaa fi jaalalaa kabajamtoota obboloota koo hiree jiruu keessanii taanaan Komiishinii Poolisii Oromiyaatti sadarkaa fi gulantaa garaa garaa ( miseensa poolisii leexaa irraa hanga komiishinara komiishinichaa) irra hojjettaniif. Akkam jirtu? Fayyaa keessanii?…… ishoo baga nagaa naaf taatan! Dhibee isin naamusa ogummaa (professional ethics) keessaniif jecha garaa keessatti dhokfattanii… nuyi immoo dirree irrattuu gad baanee dubbachaa itti dhukkubsannu sanaan dararamaa isin yaaduun alatti ani obboleessi keessanis nagaa kooti. Egaan obboloota koo (Poolisootaa)… akkuma isiniyyu beektan, ani obboleessa keessan isa quxusuu gadameessa harmee tokkoo keessaa tiruu tokkicha boraafannee dhalanne. Harma tokkichas hoonee gadoo fi gadadoo harmee keenyaa walumaan argaa guddanne, BARATAA OROMOOti. Kanaan dura dhimmootuma waloo keenyaatiif waan alagaan nu miidhe na dhukkubnaan akka na quuqe hiriyaa koo waliin utuu kulkulfannuu haasofnuu… ati immoo utuu waanuma nuyi haasofnu illee hin dhaga’iin “kun hamiidha. Hamii mootummaa… yaada dhiphummaa… shororkeessummaa…” nuun jettee caalaattuu isa alagaan dirmammeessee nu dhiise madaatti jijjiirte.

Madaan ati haadhoon koo kaleessa na madeessite sun immoo inumaayyu akka dhiibbii ta’ee godaannisni isaa har’a fagootti narraa mul’ata. Kan hin qoorres jira. Namoonni alagaan illee mucaa haadhoon isaa dhahee godaannisa fokkisaa akkasii itti baase naan jedhanii quba waan natti baasaniif karaa darbaan dhabe. Adaduma alagaan hammeenyaaf quba natti qabuun atis cigaasifamta. Hamma yoomiittimee kun? Atis miidhaa wallaalummaa fi gowwoomfamuun na miite sanaaf akka daran gaabbite, xalayaa kee dhiifamaa…, armaan dura naaf barreessiteen naaf caqasteerta. Nan yaadadha… Xalayichuma irrattis …” ammaa booda miidhaan kee miidhaa kooti. Tolli kees naafuu!” naan jettee turte. Yaadaa fi waadaa kee kabaji!

Egaan yaa Konistaabil/ Saajin/ Kurnaalaa/ Ajajaa Shantamaa/ Dhibbalaa/ Inispeektar/ Shaambal/ Komaandar/ isinis Komiishinar…. ciniinnaan alagaa kanaan dura dhimma “Master Plan” Finfinnee fi magaalota addaa Oromiyaa naannoo ishee jiran waliin makuuf mormuu irratti nurratti raawwatame summii hadhaawaa nu keessatti waan dhiiseef… ammas laalaan isaa kunoo kulkulee nu dhukkubnaan aaduu jalqabne. Isiniinis akka isin dhukkubaa jiru beekamaadha. Baddu-baasuma isaayyu amma immoo labsii jedhanii tarsiimoon garbummaa fi harkaan of saamsisuu Caffeen Oromiyaa maqaa “Riifoormii Magaalota Oromiyaa” jedhuun labse yakka waan ta’eef… nuyis yakka kanaan miidhamneerra. Isinis. Obboloota koo… waan tokko qofan isinirraa barbaada. Waan baay’ee salphaa…. Barataa mirga dimookiraasii qabutti fayyadamuun mormii nagaa gaggeessu hin tuqiinaa! Kan barataan gaafatu gaaffii mirgaa siifis barbaachisu ta’uu sammuun kee waan amanuuf… sammuu kee waliin fajoo hin dhaabatiin! Inumaayyu yoo dandeesse deeggari malee haadhoo kee miidhaaf hin saaxiliin! Nuyi ilmaan haadha tokkoo waan taaneefis irree alagaa ani danda’ee ofirraa deebisuu hin dandeenye… ati dambii obboleessa hangafaatti anarraa qoladhu! Rukkutii narraa gombisis! Maali hamma yoomiitti anii fi ati ilmaan haadha tokkoo wal gaareffanna? Ilmaan alagaa har’a nu garboomfatan kanaa bar mata-dhukkubbii akka kan keenyaa kana waan hin qabneef barnootaan addunyaa dorgomuuf eelaa jiraam. Nuyi maaliif wan nyaannaa? maaliif wal diineffanna? Maaliif barnoota koo irraa na dhorkita? Ani yoon baradhe biyyuma waliin qabnu tokkittii kana,Oromiyaa, uummatuma waliin qabnu kana, Oromoon tajaajilaam. Qni barachuun koo siifis bu’aadhaam. Adaraa kee na hubadhu! Na beekis!

Obboleessa koo, poolisii, sin jaalladha! Jiraachuuf jettee akka ati jireenya nan dhorkines… sin abdadha. Na waliin akka ati hiriirtee jirtu waanan hin shakkineefis si shakkee sin sodaadhu! Nagaan naaf jiraadhu! Obboleessa kee isa kurkuraa karaarra jiru sana…

#BARATAA_OROMOO irraa. Xalayaa kana #Share gochuu dhan waliif dabarsaa akka Polisoota Oromiyaa qaqabuu taasisa.

#OromoProtests
#Oromia

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



4 Comments

Yaikob Birhanu
9 years ago



I love reading xalayaa jaalalaa

tahir ashem
9 years ago



bagaa

jonse ketela
9 years ago



me too

Ayantu
8 years ago



Thank you ! ??






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...