Xurii Miilaa kee qulqulleessuun koo xuraawummaa dha?
Ani maqaan koo Yeroosheen jedhama. Maqaa haatii fi abbaan koo naa baasan maqaan hedduu jaaladhu dha. Kanan dhaladhe qarqara magaala Finfinnee Laga Xaafootti.Yommuu ani ijoollee naannoon keenya sun iddoo magariisa miidhagaa irra burraaqnee, taphannee gallu ture. Jabbilee, hoolaa fi horii manaa yaafnee tiksaa turre. Xaafii fi garbuu hojjaa namaa caalutu achitti biqila ture.Anii fi maatiin koo jiruu bareedaa keessa turre.
Otuma akkasiin jirruu ani dhaladhee waggaa saddeet(8) yommuun guutu oduun lafarraa kaatu jedhu odeeffamuutti ka’e.Namni hunduu qe’ee itti dhalannerraa eessa dhaqna jedhee yommuu dudubbatu nan yaadadha.
Otoo bulee hin ooliin warri ganda bulchan dhufanii maatii koo fi namoota ollaa keenyaatti asaasuu eegalan.Carraan kun isin hin darbiin qarshii isiniif kenname fudhaatii jiruu fi jireenya keessan fooyyeffadhaa jedhanii.
Yeroo sana kan dide hedduutu jira. Kaanimmoo oduu namoota kanaan goowwomfamee lafasaarraa buqqa’e. Warra buqqa’an keessaa anii fi maatiin koo warra duraati.
Yommuu kaanu qarshii ani hammasaa hin beekne garuu qarshii xiqqoo fudhatanii kaafamne. Sana booda carraan nuti qabnu gara magaalaa Finfinnee seenuun mana kireeffachuun jiraachuu ture.
Ji’a jaha(6) mana dhiphoo tokko keessa ji’aan qarshii 1500 kaffallee jiraanne.Dur gootaraa keessaa hammaarrannee nyaannu dubbiin gara gabaa fi harka namaa ilaaluutti deebi’e.
Abbaan koos hojii barbaadees argachuu hin dandeenye. Barnootallee hedduu hin qabu. Haati koos unuun deessee nu guddisuu fi hojii qonnaa malee hojii magaalaa keessa oliif gadi fiiganii hojjetan takkaallee hojjettee hin beektu.
Anis mana barumsa isan achitti jalqabee ture asitti itti fufee kaffaltii mana barumsaa fi meeshaa barnoota danda’ee barachuun ni ulfaate.
Maatiin koos qarshii of harkaa qaban mana kiraa fi nyaata keenyatti harka haxaawwatanii taa’an.Nagaan nuti dur mana keessaa qabnu boora’uutti ka’e. Namni warri nuti beeknu hundi magaalaa keessa adda faca’eera. Namni itti himnee maatii keenyaaf araara buusullee hin jiru.
Namni magaalaa Finfinnee silaa akka bulguu guyyaan balbala cufatee nyaata, ciisa marmaratee akka saree. Firri nu argu tokko hin jiru. Kana keessa gaaf tokko haati koo fi abbaan koo walitti bu’anii dubbiin cimaan ta’e. Warri nuti bira kireeffannee jirru sun gad bahanii maatii keenya gargar qabuurra mana keessa dhokatanii taa’anii Poolisii Magaalaa Finfinnee nutti waamuun Abbaa fi Haadha koo akka mana hidhaa bulan taasisan. Anis mana ona keessan kophaa koo bule. Ganamasaa achuma iddoo hidhaatti mallatteessisanii haadhaa fi abbaa koo gara manaa deebisan.
Manatti deebi’anii ammas walitti bu’iinsi isaanii ittuma fufe. Namni dur jiruu gaarii lafaa fi qe’eesaarraa asheetaa fi agadaa cabsatee nyaatee bare akkamitti akka kadhattuu midhaan konyee keessaa nyaatee jiraataa? Namni goodaa bal’aa fi maasii guddaa keessa asii fi achi burraaqee bare akkamitti daaraa namaarra kireeffatee har’amoo bor as keessaa na ari’u jechaa yaaddoon jiraataa?
Isa dhumaa walii galtee dhabuu isaaniitii abbaan koos manatti nu dhiisee bahe. Haati koos qarshiin of harkaa qabdu waan dhumeef mana gadhiifnee bahuun dirqama guddaa nutti ta’e. Waan qabnu gurgurree mana kiraa warra manaatti deebifnee jiruu karaarraa dhamdhamuuf dirqamne.
Kan nuti yeroo jalqabaaf karaarra baanee teenye magaalaa Finfinnee, naannoo Shawaa Super Market ture. Iddoo sana namni dhufe Oromoo qofa arga. Kun hunduu carraa akka nu qunnameen jireenya karaarraaf kan saaxilamani dha.Abbaan koos achi jira gaafa dhaqnu innillee waan jedhu wallaalee aariin achii ka’ee deeme.
Namootni adda addaa dhufanii dubartoota hojii mana keessaa hojjetan barbaadaa turan.Haati koos carraa mana namaa hojjechuu argattee garuu waan ani faana jiruuf namni ijoollee faana nama hin barbaadu waan ta’eef gara ji’a tokkoo karaarra jiraanne.
Halkan guutuu haati koo nama anarraa teessee eegaa bulti.Guyyaammoo waan nyaannu barbaacha lafa nuti hin geenye hin jiru.Haati koo yeroo aartu”situ na faana jiraaf malee anaan funyoo qarshii lamaatu na gaha” jetti.Animmoo isa isheen akkas taatu nan aara.
Otuma oliif gadi joorruu mooraa guddaa tokko dhaqnee balbala rurrukutne. Namichi balbala eegu nurraa banee ”maal barbaaddan?” nuun jedhe. Silaa hiyyeessi waliif hin toltu.Waan nyaannu dhabne jennee itti dubbanne. Namichis Oromoo keenya. Bakka nuti dhaqnee balbala rukutnee nuu banan hundi kan balbala eegu Oromoo dha.
Achumaan warri manaa balbalarra taa’anii buna dhugaa turan mee ol seenaa nuun jedhan.Seennee haati koo barcuma cabduu tokkorra teesse. Animmoo miilasheerran taa’e. Maaliif kadhattu jettee nu gaafatte haati manaa. Haati koos waan hundaa itti himte. Niitiin sunis ani amma nyaata ammaaf nyaattan isiniifan kenna garuu yoo amala qabaatte hojii ati guyyaa guyyaan hojjettee gara mana keetti galtu siifan kenna ni hojjettaa jetteen haadha kootiin.
Haati koos otoo isheen dubbattee afaansheerraa hin fixiin toole jette. Garuu, manan itti galu hin qabu karaarra jirra jennaan isaaf sharaa kan ittiin bitattu siifan kenna sana booda karaarratti ijaarrattee jiraachuu dandeessa jetteenii.
Kanumaan gatii sharaa fi buddeena isaan nyaatanii dhiisan feestaalaan fudhannee gara dhufnetti deebine.Haati koos bultee ganama mana jara kanaatii uffata miicuu eegalte. Animmoo ishee faana dhufeen waan tokko tokko gargaaruun eegale.
Gaaf tokko galgala haadha kootiin akkas jedheen gaafadhe.”Maaliif qalamaa fi dibduu kophee naaf hin bittu asuma sharaa keenya kana birattan hojjedha”n jedheen.Haati koo xiqqo yaaddee bor siifan bita naan jette.
Bultee waan hundaa naa bittee hojjechuun eegale.Namni hedduun ani beekeef otoo hin taane anaaf yaadee dhufee nama meeqa bira darbee na biratti kophee qulqulleeffata. Kaanimmoo ergan qulqulleesseefiin booda gatii dafqa koollee otoo naaf hin laanne dhiisee deema.
Xurii miilasaa gaafa irraa qulleessan waanuma xuuraa’an itti fakkaata nama tokko tokkotti. Kaanimmoo hojii koo jedhee dhufee ana nama xiqqoo kana fedha foonsaaf taa’ee na hawwaa oolee deema.
Guyyaa tokko abbaan koo akka tasaa achirraan hoolaa namaaf harkisee karaa sana darbuu dhufe. Anaan argee hidhiisaa ciniinnatee harkasaa tokkoon afaan rurrukatee callisi nana jedhee darbe. Galgala anis haadha koottan hime.Innis buleesaa dhufee iddoo jirru na gaafate.Anis kunoo asuma keessa jirran jedheen.
Ani waardiyyaa ta’een mana namicha kaleessaan jira kana booda isin hin gatu kan kana duraaf dhiifama naa godhaa jedhee nu araarfatee deeme.
Amma guyyaa sanbataa tokko ganamaan ka’een balbala sharaa keenyaa sana hareen barcuma koo gadi baaseen nama kophee qulleeffatu otoon taa’ee eeguu konkolaataan miila mucaa fakkaatu tokko akka bishaanii dhangala’aa dhufe.
Natti siqaa akka deemeen qabbaneessaa dhufe. Dhaabee fuulleesaa gadi buusee ”eenyutu qulqulleessa kophee?” jedhee na gaafate. “Anandhan” jedheen. Innis konkolaataarraa bu’ee dhufee taa’ee naa qulleessi naan jedhe.Anis hidhaa kopheesaa hiikuun eegale.
”Maqaan kee eenyuu?” jedhe. Yeroosheen jedhaman jedheen. ”Mee irra deebi’i” naan jedhe. Irran deebi’eef ”Afaan Oromoo beektaa?” naan jedhe. “Eeyyeen” jedheen. Seenaa koo fi maatii koo hunda na gaafate. Otoon ilaaluu imimmaansaa rifeensa koo keessatti cophe.
Ergan fixeen booda qarshii 100 naa laatee, ”bor nan dhufa harmee keetiin asumatti na eegi jedhiinii” naan jedhee deeme. Gammachuuun gaafas gammade hamma yoonaa na dhiba. Galgala harmee kootti himnaan, ”warra akkasiitti hin siqiin sobanii waan biraaf si barbaadu” naan jette. Ani garuu ammas siiniyyuu asumatti na eegi manaa hin deemiin siin jedheera jedheen itti hime.
Namichis ganama bariin dhufee konkolaataasaa dhaabee dhufee sharaa keenya keessatti nu ilaale. Haadha koo dubbisee ishees waamee seenaa keenya hunda irra deebi’ee dhaggeeffate.
“Egaa ani Oromoon gaafa lafasaarraa buqqa’ee akkasitti rakkatu arguu koorra ani du’uu naaf wayya” jedhee boo’e. Kana booda asi hin jiraattan qarshii isiniifan liqeessa abbaa manaa kees fidii koottu jedhee lakkoofsa bilbilasaa fi qarshii 500 nuu laatee deeme. Nutis abbaa koo fudhannee manasaa dhaqnee innis waan nuti hin eegne qarshii liqii fi mana suuqii xiqqoof taatu nuuf keenne.
Anis iddoo lafa namni akka xuriitti na ilaalurraa ka’ee haati koos xurii namaaa cuunfuurraa kaatee, abbaan koos balbala namaa banuu fi cufuurraa ka’ee sababa namicha Oromoo kanaan lubbuun keenya deebitee jireenya eegalte.
Yeroo ammaa kanatti qarshii nama sanaas deebifneefii jiruu mataa keenyaa jiraachaa jirra. Anis barnoota koo addaan kutee ture itti deebi’een barachaa jira.
Warri ijoollee durbaa akka koo kana karaarra taa’anii jiruu maatii isaaniirraa qooddatanii jiraachuuf carraaqan fedhii fi arraba keessaniif qofa hin barbaadiinaa.Nutis nama garuu warra abbaa yerootu qe’ee keenyarraa nu buqqaasee balaa kana hundaarra nu buuse malee.
Yoo nama gargaaruu hin dandeenye dhiphisuu fi itti qoosuurraa of qusadhaa.
Seenaa koo kana adaraa namoota hundaaf raabsaa. Waan namni keessa jiru namni hunduu haa baru.
Galatooma!
9 Comments
kun dhukkuba laammii oromo ta’e kana,otoo hinbeekin imaman narra yaa’e,
Baay’een gaddee garaan koos na raafamee seenaa dhugaa ilmaan oromoo irratti raawwata jirudha! Roorroo kanaammoo tokkummaan gaaftokkoo waltaanee irraa ejjeechuu dandeenya ….galatomii!!!
Baayyee nama gaddisiisa,garuu homaa miti dhaalli nama waan hin moone qabu jabaadhu haadhooko!
Baay’ee nama gaddisiisa. Yeroon dubbisu imimmaan qabachuun dadhabe. Kana hunda diina keenyatu akka waan gaarii nuuf yaaduu fakkeessee faayidaa dhuunfaa isaanii argachuuf nurratti raawwataa turan itti jiranis. Anis qomoon kee kanan oromiyaa kutaalee garaa garaa irraa siif falmaa ture Faayidaa mataa kootii argachuuf otuu hin ta’in roorrifamuu kee garaan koo na dadhabee ti…. Qomoo koo kana booda waliin jirra, waliif jirra. Bineensi na biratti si hin nyaatu……Adaraa Abbaa keenya OROMTICHAA tiin…
wayyoo akka dingataa imimmaan dhangalaase kamiifu kana booda namoonni godaansaaf gaafatamtan tole akka hin jennee qofaa,atimmo baga jiraate sanyiin kee
Yeroos senaan kee kun bayee na gadisisee kan qofas miti bayee tokko onne koo na madeese homaa miti jirenyaa ke garaa fulduraa jiruuf jabadhu barnotaa ketis jabadhu
xummura irrati
namicha isaa si gargaree sana bayee bayee galatomi na jedhi
lammi of gafaa akkasif walif ha tenyuu adaara
Baayyee nama gaddiisisaa lafaa ofii irra buqqahanii ganda namatti galun
galatoomii rabbiin qe:ee keenyatti nuu haa deebisuu hedduun irraa baradhee
miidhaan namaa waan tokko iyyuu siin godhuu.miidhaan waaqayyoo biraa sitti
hin dhufiin malee sanyii koo
baga rakko san keessatti hin hafini.na boossise qomo koo