Siidaa Yaadannoo Obbo. Admaasuu Magarsaa Magaala Finfinneetti ebbifamee!
Artisti Admaasuu Birihaanuu Magarsaa (Abbaa Lataa) Bara 1956ttii Oromiyaa dhihaa, godina Wallaggaa Lixaa, ganda Qumbii jedhamutti dhalatan. Artistii Admaasuu bara 1968 irraa eegalee hojii aartii keessa kan ture yemmu ta’u, ogummaasaa kanaan manneen tiyaatiraa sadan Finfinnee keessatti argaman jechuunis, Hagar Fiqir, Galma Aadaafi Tiyaatiraa akkasumas Raas Tiyaatiraa keessa nama hojjateera. Dhuunfaasaatiinis hojii aartii hojjetaa kan ture Obbo. Admaasuu Birhaanuu Magarsaa guyyaa Guraandhala 14 bara 2016A.L.A mana isaanittii akka tasaa adunyaa kanarraa boqatan.
Ijoolummaasaa irra ka’e hamma guyyaa gaafa du’asaani Obbo. Admaasuun aartii Afaan Oromoo irratti nama qooda gudda fudhataa ture. Diraamalee Oromoo adda addaa bebbeekamoo ta’an keessumaa kan jalqaba bara 1990mootaa keessa qophii Dhaanga irratti baayyee jaalatamaa ture. Achiimmoo diraamaalee baacoo akka qaanqee fi diraamaa dhiyeenya agarsiisamaa ture Diraama Dheebuu jedhu keessattis qooda guddaa fudhachuudhaan daawwattoota biratti nama jaal’atama guddaa qabu ture. Sana malees. DVD ‘Yaa Baraa’ jedhamuun artistii Olii Naggaa waliinis kan hojjete bara darbe gabaa irratti olfameera. Qabiyyee DVD kuniis diraamota gaggabaabo haala dinqisiisaan keessatti kan argamanii dha. Filmii adda addaa keessattiis nama shoora ol’aano taphatee dha. Filmoota inni keessatti hirmaate keessa Filmii WAADAA jedhamu guyyaa kaleessa, jechuunis Caamsaa 14, 2016 magaala Finfinnee Giddugalaa Aada Oromootti haala ho’aa dhaan eebbifame.
Siidaa Yaadannoo Obbo. Admaasuu Biraanuu (Abbaa Lataa), guyyaa har’aa Magaala Finfinnee Bataskaana Kaateediraalii Qiddista Sillaasee, naannoo paarlamaa kan argamuu haala gaariin ebbifameera. Eebba Siidaa kanarrattiis maatiisaanii, Oromoota fi leelliftoota Obbo. Admaasuu Biraanuu irratti argamanii jiru. Siidaa aartii Oromoo kan ture Obbo. Admaasuu Biraanuu dhabnullee iddoosaa Siidaa Yaadannoo bakka buufannee barabaraan kan isaan itti yaadannuu dha.
Nagaan Nuuf Boqadhuu! Seenaan kee yoomiyyuu hin dagatamuu! Obbo. Admaasuu Biraanuu Sijaalannaa!
________
Oromootni Finfinnee fi naannawa ishii jiraattan akkasumas warrootni iddoo biraarra jirtan, Siidaa kana daawwachuf, Bataskaana Sillaaseetti dhuftanii ilaaluu dandeessan.
2 Comments
seena gudda nama bonsu gudda galatoma
kana kan caalu akka hojjechuu dandeessan nan Abdadha. galatooma!!!